oromo@wiki

Geerarssa
KOOTTA WAL-HARKAA FUUNA..

Kootta wal-harkaa fuuna
Akka ijolee abba duula
Nutuu ijolee abba duula.
Geerar geerar naan jedhu
Yoon geerare maal qaba
Eessa kootu mudaa qaba.
Qamalee eegeen dalgaa
Disoon farda gashitee
Ilaalime Abushee
Hankee maaf yeroon darba
Atiso ilma ashite.
Abbayeeko gaariiko
Sitti odeesa raajiiko
Raajiiko hindhumine kana
Haftu hinheerumine kana
Deeggo citaa qabaare?
Kan ganna haammate malee
Deegaan fira qabaare?
Kan tattafate malee.
Deeggo citaa diimessa
Deegni wayya diimessa
Nama wayyaan diimate
Ijooleen obbo hin jettu
Waarissaan isin hin jettu.
Allaatiin deega hin nyaattu, foon isaatu ajaahe laata
Waarissaan deega hin ammattu, moofaatu ajaahe laata.
Deega koo ya farrisaa
Tuuri ammaan si fannisa
Mukka-arbaa daraaretti
Ilma abbaan abaaretti
Niitii jirbbii hin foonetti
Irisa niitii hin moonetti.
Jedheen itti jooreeka
Foon maddii na qooreeka.
Anoo beeka kormikee
Beeka maalaan wallaala
Utuun beekuun marmaara
Itti beeka ilmi kee.

Daldalaa wajjin ganyaa, qirqabaa jabeefachu
Cirtuu wajjin gajamoo, cinqaara jabeefachu
Qotataa wajjin gindii, dhiittasa jabeefachu.
Ergaan dhaladhe hin teenye
Bakka garaa koo hin geenye.
Ijoolle Oromia, ijoolle biyya keenyaa
Kootta wal-bira teenya
Marii walii dhageenya
Akka abbooli keenya
Amma yo mootii mootii
Namini niitii ishee mooti
Niitiin ijoolee mooti
Ijooleen saree mooti
Sareen adala mooti
Adali hindaaqo mooti
Hindaqoon raamo mooti
Raamoon goomana mooti
Goomani garaa mooti.
Amma yo mootii mootii
Kilishoon Malix mooti
Malix Maxxulle mooti
Gorsa Malix fudhatee
Dantaa har'aatif jettee
Garasheef gowwomfamtee
Humna ormatti hirkatte
Maxxulleen lammii mooti
Roorroon itti jabaatee
Lammiin yoo tokko taate

Oromia and the Oromo people
The following summary information was adopted from the book by
Gadaa Melbaa, Khartoum, Sudan 1988.

Summary
Information
Overview
The Oromo
People

Population
Language
Culture
Oromo
Calendar
Religion
The
Land

The Economy

References

Summary
Information

People:
Oromo
Country: Oromia (also phonetically spelled as Oromiyaa)
Area: 600,000 sq.km approx.
Capital: Finfinnee (also called Addis Ababa)
Population: 30 million (1995 estimate)
Language: Oromo, also called Afan Oromo or
Oromiffa
Economy: Mainly agriculture (coffee, several crops, spices,
vegetables) and Animal Husbandry; Mining industry; Tourism trade; Medium and
small-scale industries (textiles, refineries, meat packaging, etc)
Religion: Waaqqefata (the traditional belief in Waaqa
or God), Islam, and Christian (Catholic, Orthodox and Protestant)

Overview

The Oromo make up a significant portion of the population occupying the Horn of
Africa. In the Ethiopian Empire alone, Oromo constitute about 30 million of the
55 million inhabitants of the Ethiopian Empire. In fact, Oromo is one of the
most numerous nations in Africa which enjoys a homogeneous culture and shares a
common language, history and descent and once shared common political,
religious and legal institutions. During their long history, the Oromo
developed their own cultural, social and political system known as the Gadaa
system. It is a uniquely democratic political and social institution that
governed the life of every individual in the society from birth to
death.
Ecologically and
agriculturally Oromia (Oromo country) is the richest region in the Horn of
Africa. Livestock products, coffee, oil seeds, spices, mineral resources and
wild life are all diverse and abundant. In spite of all these advantages, a
century of colonisation by Abyssinia (Ethiopia), a backward nation itself, has
meant that the Oromo people have endured a stagnant existence where ignorance
and famine have been coupled with ruthless oppression, subjugation,
exploitation and above all, extermination. Thus for the last one hundred years
under the Ethiopian rule, the Oromo have gained very little, if anything, in
the way of political, social and economic progress.
The Oromo were
colonised during the last quarter of the nineteenth century by a black African
nation - Abyssinia - with the help of the European colonial powers of the day.
During the same period, of course, the Somalis, Kenyans, Sudanese and others
were colonised by European powers. The fact that the Oromo were colonised by
black African nation makes their case quite special.
During the
process of colonisation, between 1870 and 1900, the Oromo population was
reduced from ten to five millions. This period coincides with the occupation of
Oromo land by the Abyssinian emperors Yohannes and Menilek. After colonisation,
these emperors and their successors continued to treat Oromo with utmost
cruelty. Many were killed by the colonial army and settlers, others died of
famine and epidemics of various diseases or were sold off as slaves. Those who
remained on the land were reduced to the status of gabbar (a peasant
from whom labour and produce is exacted and is a crude form of
serfdom).
Haile Selassie
consolidated Yohannes and Meni

Oromummaa
Dhugaasaa D. Gobanaa
irra

Anniisaa Oromoo yaa Oromummaa,
Aadaa tokkummaa akkaataa yaadaa,
Ibsituu seenaa hundee sabbonummaa,
Raagaa bilisummaa wabii birmadummaa,
Madda eenyummaa kan hidda dhiigaa,
Mallattoon kee maali, maaltu si ibsaa?

Afaan Oromummaa maaliin dubbannee?
Sammuu Oromummaan akkammiin yaadnee?
Ija dubbii fi cuunfaa akkammiin himnee?
Cubbuu fi safuu Oromoo akkammiin egnee?
Qomoon Oromoo hundi waltanee,
Akkammiin ha boonyuu gaafa gaddinee?
Akkammiin ha cooknuu gaafa gammadnee?
Anniisaa Oromummaa yaa guraamalee,
Yaada moo yookiin kuusaa amantee?
Maaltu si ibsaa, ati maaliree?

Kutaan moo gandaan maaliin si waamnu?
Achii dhufaan kee essa siin jedhnu?
Madda Walabuu moo Qellam jiraattaa?
Gama warra Hiluu moo Gursuumiin bobbataa?
Yoo aduun dhiitu eessa qubattaa?
Gama Moccaa moo gandaa Walbaraa?
Amboo moo baabillee bishaan maal dhugdaa?
Bunnoo Baddallee kan Iluabbaboraaf Jimmaa,
Noonnoo moo Woborraa Buna eessaa dhugdaa?
Dhaangaankee maali kan ittiin bultuu?
Kafannikee maali kan si bareechuu?
Raga Oromummaa maalumaan ibsuu?

Gaafilee hedduu maaltu deebisaa?
Haa caqasnuu laata dhaadhanoo sabaa,
Kan saba Oromoo kan sirna abba Gadaa.

Afaan Oromoo ibsa Oromummaa,
Aadaan Oromoo madda Oromummaa,
Seenaan Oromoo hundee Sabboonummaa,
Rakkoon Oromoo sirna garbummaa,
Kaayyoon Oromoo galiin Bilisummaa,
Yaa Biyya Oromoo sabnikee gootaa,
Gurraacha, diimaa adiin dhaadhataa,
Tokkummaan Oromoo wabii birmadummaa,
Lammirra kan hafee eenyu waliif dhiigaa?
Qomoo Oromooti jinfuun Oromummaa,
Yaa guraamalee siida Oromummaa,
Xaxxee si hiitus sirni garbummaa,
Siif waregamna halkaniif guyyaa,
Anniisaa Oromummaan ni bilisoomtaa!

Qabsoo Oromoo kan nuu finiinsu,
Mirga-uumaa namaaf kan kabaja kennu,
Sirna walqixxummaan kan utubamuu,
Hawaasa Oromoo kan nuu gurmeessu,
Qabeenya Oromoo kan nuu mijjeessu,
Gamtaa jireenyaa kan nuuf misoomsu,
Siida Oromumma maaliin haawaamnu?

Seera uuma namaa inni hangafaa,
Kan gargar nu baasu uuma kaan irraa,
Dandeetti yaadaati waan hunda caalaa,
Yaaduu danda'uun garuu qobaasaa,
Utuubaa hin ta'u kan sabboonummaa.
Saba Oromoof daandii yaadaa dhunfaa,
Kan gargar nu baasuu saba kaan irra
Marsinee teenyee gaaddisa Odaa,
Yoo tilmaamanu galii Bilisummaa,
Handhuura dubbii murtii isa cunfaa,
Beekkumsa Oromooti ibsaan duukkanaa!

Beekumsa Oromoo kan finna qabuu,
Guudina dalagaan kan nu gabbisuu,
Gabbina kuusamee kan nu ball'isuu,
Ball'ina har'aati badhaadhiinni boruu,
Badhaadhan malee hormaanni hin jiruu,
Hormaataan malee maliin dagaaguu,
Dagaagan malee maliin dagaa-hooruu,
Dagaa-hooran ebba lammiif guumachuu,
Gumaata lammiin mirga dhunfatuu!

Beekkumsa Oromoo siida Oromummaa,
Haqalbeffannu jechaa ofittuumaa.
Ofittuumaan seera kan uuma namaa,
Hintaatu garu hidda sabboonummaa,
Madda eenyummaa kan birmadummaa,
Kan onnee tuqee kan nu raasu garaa,
Hundee birmadummaa dhaadhannoo Sabaa,
Hundiinu tokkoof tokkoos kan hundaa!
Qomoon Oromoo walirratti duunaa!
Tokkummaan Oromoo siida Oromummaa!

Mirga ilma namaa Qoosaa godhatee?
Xobbee ajjesee Oromummaa tuqee!
Sirna garbummaati kan nu takaalee,
Qacceen hin iyyu qincabbii malee,
Qoosaan hin jiru erga lammiin dhumee,
Qomoo Oromoo yoomiif tenyaree?
Jedhee lammiin boonyaan diinni nuti qoosee.

Qomoo Oromoo dhaagessuu dhaamsa,
Qondalli dhumuun hegereef gorsa,
Qacceen Oromoo qincaabbiin meqaa?
Qalissa xiqqatti yoo iyyaan qobaa,
Qabxiin hirmachuun dalagaaf tolaa,

Yoo deeman garu daandii Bilisummaa,
Adeemsa seena kan mirga-uumaa,
Kan dhuma hinqabnee jatanii sabaa,
Kuufani kaa'uuf halkaaniif guyyaa,
Kan hamilee jabessu akka buurrusaa,
Harkisan hin cittu funyoon sibilaa,
Haaqalbefannu jechaaf makmaksa,
"Wasaasa tafkii qomootuu gumachaa",
Tokkummaan Oromoo siida Oromummaa!

Aadaa halagaa kan nu cunqursuu,
Irkoo godhanee yoo feene deemuu,
Qabsoon Oromoo fiixaan hin bawuu,
Caasaa Oromummaan haa gurmeffamnuu!
Caasaa Oromummaa eenyu nuu ibsaa?
Booranaaf Bareentuun maal yaadu laata?
Murtii Odaa Garres Bultuum nuu ibsaa?
Arsiif Walloon maaliin walguumachaa?
Kan Odaa Roobaa Makoodiin tuumsaa?
Maccaaf Tuulaamni maaliin dhaadhataa?
Kan Odaa Bisil Nabeen faarsataa?
Abdiin hegeree wabiin Bilisummaa,
Sapheera Oromoo siida Oromummaa,
Edoo bu'uu qabuu caasaa gabrummaa.

Akkaataa yaadaa hundee Oromummaa,
Hawaasa Oromoo hayyuun walgorsaa,
Qabsoon Oromoo adeemsa seenaa,
Akka finiinuuf halkaani fi guyyaa,
Yoo qomoo malee halagaan diinaa,
Nama nama ajjeese gumaan ararsaa,
Tokkummaan Oromoo siida Oromummaa!
Waltaanee haa deemnu daandii Bilisummaa,
Lammi dhageessuu dhaamsa Oromummaa!!

Yaa Biyya gootaa harmee Oromiyaa,
Akkaataan yaadaa hundee Oromummaa,
Hundiinu tokkoof tokkoos kan hundaa,
Tokkummaan demnee daandii Bilisummaa,
Anniisaa Oromummaan ni bilisoomtaa!

Angafa Oromoo Booranticha.
Elema Boru
and Borana Milk Containers
Elema is a Borana woman who
currently lives in Dolollo Makaala, located about 20 kilometers south of the
town of Mega in southern Ethiopia. The Borana are a pastoral people living in
adjacent areas of southern Ethiopia and northern Kenya. They speak a southern
dialect of the Oromo language. Despite having strong affinities with other
Oromo groups, the Borana still regard themselves as a unique people. Their
autonomous ethnic identity is expressed in various ways and contexts, including
the distinct style of their milk containers.
During interviews with Elema and other Borana
women, inquiries about the origins of various container designs were often
answered with references to aada--the idea of cultural heritage,
traditions that are passed from generation to generation. Woven container
making among the Borana is a woman's activity that is passed from mother to
daughter.
All Borana women are expected to know how to
make woven milk containers like gorfa and chicho. In
contrast, wood carving is a specialized skill, and the production of wood
containers is usually practiced by only a few men in a community. The significance of
woven milk containers and their ritual uses reveals the importance given to
woman-made containers. Milk containers themselves are vital objects in Borana
culture. The milk that they hold is a symbol of abundance. The container's
symbolic meaning stems from its structure. When a girl marries, she makes two
plaits in her hair; when she becomes pregnant, all of her hair is plaited.
Plaiting hair is equated to weaving a fiber milk container. It is something
only women are allowed to do. These acts suggest that in Borana society,
weaving is associated with fertility. The container and the milk thus symbolize
the ideal combination of abundance and fertility, two fundamental requirements
for the reproduction and prosperity of the group.
The physical reproduction of a man (and the
continuity of the community) primarily depends on his wife's fertility; a man's
marriage, the social setting for reproduction, depends on objects made by
women. As
Elema says, "there cannot be any marriage without a chicho and there
cannot be any reproduction without woven milk containers." That is why every
woman must be able to make milk containers. Woven milk containers represent her
fertility; they are round, full of milk and nourishment, "just like a pregnant
woman's belly." The woman's womb contains a life that will sustain the social
continuity of her husband and family.
At first glance, Borana milk containers might
appear very similar if not identical. But not all woven milk containers are
alike-in fact, because they are each handmade they are all different and there
is a good deal of room for innovation. A woman may experiment; she may use new
materials, alter the proportions or profile of a container, or introduce new
surface treatments. If accepted and copied by others, such a creative act by an
individual may be integrated into the tradition and thus become aada
Borana-part of the Borana heritage.
Various vegetal fibers and
techniques are used to produce the different types of woven containers. The
chicho is smaller than the gorfa. Its beauty lies in its
symmetry and its simple but elegant elliptical profile. The surface texture of
both containers is enhanced by the integration of a vertically oriented raised
design called obriis. Elema was proud to note that most women know how
to make only one type of obriis design, but she uses up to five when
weaving containers. Cowries are often used to decorate gorfa but are
never attached to chicho. Chicho and gorfa
both
have round bottoms and they are not meant to stand upright by themselves. A
sepan, or holder, made out of leather straps is used to carry the
container and to suspend it from the wall of the house.
Women produce woven containers and men carve
wood containers. Both types of containers may serve the same utilitarian
function but they are used in different social settings. There also are
containers that have both wood and basketry components and therefore require
the work of both a man and a woman, usually a husband and wife or at least
members of the family living in the same household. Such containers reflect a
fundamental element of Borana society: there is a healthy interdependence
existing between the sexes and this is manifest in the complementary roles men
and women perform in their families and communities.

Aadaa Oromoo
Sirna
gadaa
Hamma kiyyoo kolonii jala hin seeniniti
Oromoon sirna ittiin bulan kan mataa isaanii qabau turan. Maqaan sirna kanaas
Gadaa jedhama. Sirni kuniis bal'aa ture. Dhimma jireenya ummata Oromoo fuula
hundaan kan ilaalu sirna siyaasa, aada diinagdeefi amantiiti. Sirna hawaasaa
guutuu ture jechuudha. Sirni Gadaa sirnaafi seera Oromoonni ittiin walbulchu,
kan duulee roorroo ofirraa ittisu, kan dinagdee isaa ittiin tikfatuufi
dagaagfatu, akkaata inni itti waliin jiraatuufi kan hawwiin dhala Oromoo cufa
ittiin guutu ture.
Sirn kun haala Oromoonni tokkummaan
isaanii laaffate kan itti roorrisaa turan Habashaafi Affaar ofirraa deebisuu
dadhabe keessatti, haala hawaasaa ilaalerraa, jaarraa 14ffaa keessa biqiluu
jalqabee suuta guddatee deeme. Oromoota sirna akkasii jalatti qindeessuudhaaf
yeroo dheeraa fudhate. Oromoota gosatti hiraman walitti fidanii sirna tokko
jalatti walitti qabuun kufaatiifi kauumsaa yeroo dheeraa gaafate. Gara
walakkaa jaarraa 15faa isa lammaffaa keessa sirna gutuun argamuu
dandaye.
Akkaata himamsa aadaa Boorana kibbaa
keessatti yeroon itti Gadaan dhaabbate kanumaan walkipha. Akka mangoddoonni
Booranaa himanitti Gadaa jaaruuf yaalii dheeraan eega godhame booda, Gadaan
yeroo dheeraaf bifa hojechuu dandayu dhaabbate. Gadaa kanatti Abbaan Gadaa
Gadayyoo Galgaloo ture. Raabni isaa (yeroosii) Yaayyaa Gulleelee jedhama ture.
Eega gaafasii jalqabee Booranni Abbootii Gadaa 61 lakkaawa. Kanarraa waggaa
saddeet saddeetiin yoo herrgne (Gadaan tokko waggaa 8) 61X8 = 488 taha. Eega
Gadaan ijaarame, akka himamsa manguddootti Booranatti waggaa 488 taha
jechuudha. Barri isaa 1499tti dhihaata. Kanaaf, sirni kun ijaaramuun isaa
walakkaa jaarraa 15ffaa isa lammaffaa keessa kan jedhame dhugaa
taha.
Sirna Gadaa keessatti wanni hundi gadaan
walilaala. Lakkooysi yeroo, aadaan, amantiin, jireenyi hawaasaa, ittisi
biyyaafi kkf hundi hidhata Gadaa qabu, fakkeenyaaf sadarkaalee Gadaa, goggeessa
Gadaa, abaluu abaluu..jiru. kun, eegaa Gadaan sirna kabajamaafi guutuu akka
ture mirkanessa.
Bara itti Gadaan sirna gutuu ture sana
akka silaa tahutti galmeessuun hindandaymane. Hammi galmeeyfame baayee
yaraadha. Sana keessaahillee irra guddaan kan baroota dhihooti. Waaeen isaa
hammi beekamu baayee yaraadha. Guddinaan odeeffannoon argaman oduu afaaniin
kan daddabraniidha. Isaaniis bakka bakkati garagar tahu. Sunillee Gadaan Caffe
Caffetti deebiuu haa agarsiisu malee, tokkummaa sirna kanaaf ragaa kan tahu
haftee sirna kan Gadaa Booranaa haraalee haga taheefuu hojjataa jiruudha.
Kanaaf, waaee sirna Gadaarratti hangi hubatame xiqqaadha. Waliigalatti sirna
kana caalatti hubachuudhaaf qormaata cimaa sirna Gadaa kan mulisan armaan
gaditti ilaalla.

uunkaa jereenya hawaasaa
siyaasaa sirna Gadaa
aadaa sirna gadaa
amantii sirna gadaa

Uunkaa jireenya hawaasaa

Hawaasa keessatti dhalli namaa
kophaa hinjiraatu. Kophaas hindalagu. Namoota biraa wajji jiraata, hojjataas.
Jireenyi dhala namaa walitti hidhaataadha. Hawaasa Oromoo bara Gadaa keessaa
yoo fudhannee akkaataa jiruufii jireenya Oromoo, akkaataa qoodama dalagaa,
hariiroo ummanni Oromoo hawaasa keessatti waliinqabau, sirna Gadaa keessatti
qaama tokko. Akkaataan polotikaa sirnichaas uunkaa jireenyya hawaasa Oromootti
hidhamee jira.

Uunkaa jireenya hawaasa sirna
Gadaa keessaa hubachuuf waan kanaa gadii hubachuun barbaachisaadha.
Suniis:

Goggeessa Gadaa (Miseensaa) fi Marsaa
Gadaa Hiriyyaa Ilmaan
jaarsaafii ilmaan Kormaa
Sadarkaalee Gadaafi Murnoota
Gadaa

Gaggeessa Gadaa(miseensa) fi Marsaa
Gadaa:

Gadaan tokko waggaa saddeet qaba. Waggaa
saddeettan waliin GADAA TOKKOTTI YEROO ITTI AANGOON polotikaa warra Gadaa tokko
harka jiraatuudha. Kanaaf, Gadaan waggaa saddeet saddeetiin lakkaawama.
Waljijjiiraas. Waggaan saddeettan Gadaa tokko maqaa mataa isaa qabaata. Gadaa
tokkicha maqaa adda addaa qabaatu. Kun Goggeessa Gadaa ykn miseensa jedhamee
waamama. Kun hawaasa Oromoo keessaa, bakka gargaraatti maqaa adda addaa qabata.
Jechuun:-

Boorana keessatti- Goggeessa Gadaa
jedhama.Tuulama keessatti- Miseensa jedhama.Arsii keessatti- Miseensa
jedhama.Gujii keessatti-Baallii jedhama.
Ituu keessatti-Miseensa
jedhama.

Qormaata Gadaa Oromoo bakka bakkaarratti
godhameen lakkooysi Goggeessa gadaa bakka heddutti shan. Kan kanarraa adda
tahees nijiraa. Fakkeenyaaf Boorana keessatti Goggeessa Gadaa torba qabaatu
jira. Maqaan isaaniifi tartiibni isaaniia kopha kophaafi beekamaadha. Hoggaa
Goggeessi Gadaa jiran tartiibaan deemanii raawatan gara isa jalqabaatti
deebiuudhaan marsaa tokko tahu. Goggeessi Gadaa tokko bakka heddutti waggaa 40
booda malee, hin deebiu. Fakkeenyaaf Ituu keessatti Goggeessi Gadaa (missensi)
jiran, Hormaata, Sabbaaqa, Dibbeessa, Fadataafi Daraaraadha. Kanneen tariiba
maqaa Gadaawwan waggaa saddeet saddeetiin deeman tahanii Daraaraan gaafa
raawate Hormaatatti deebia jechuudha. Yeroon kun itti raawatee deebiee
marsuuf naannawuu marsaa Gadaa tokko taha. Marsaan Gadaa tokkoo waggaa 40
qabaata. Goggeessi Gadaa shanan, walitti marsaa Gadaa shanan jalqabarraa
kaanii tartiibaan deemanii xumuramanii marsuuf gara isa jalqabaatti kan
deebian kun "marsaa Gadaa(Gadaa cycle)" jedhama.Yeroo idiletti laalamu
jireenya nam tokkoo keessatti, Marsaa Gadaa lamaatu jira. Isaaniis, Marsaan
duraa Gadaa abbaa yeroo tahu, inni lammaffaa Gadaa ilmaati. Ilmi Marsaa tokko
fixee, Gadaan isaa kan abbaa tahe, kan itti aanu kan ilmaan isaa taha
jechuudha. Akkuma kanatti itti fufee dabra.Eega, bakka heddutti Marsaan Gadaa
waggaa 40 akka qabaatu olitti ilaalleerra. Arsii keessatti miseensi Gadaa tokko
waggaa 16 waan qabuuf kanarraa adda. Kanarraa Marsaan Gadaa Arsii keessatti
waggaa 80 taha jechuudha.dagaagina keessaa Gadaan eega Caffetti qoodamee, as
lakkooysifi maqaan Goggeessota Gadaa Marsaa Gadaa tokko keessa jiranii bakka
adda addaa tahuun mulateera. Kanaas, qabsiisuuf armaa gaditti mee haa ilaallu.
Maqaan Goggeessota Gadaa bakka garagaraatti:-
Goggeessa Gadaafi Marsaan Gadaa waan
hiriyymummaafi aangoo polotika ilaaluun hariiroo murteessa qabu. Sanaas
bal'inaan booda laalla.
B. Hiriyyaa:-
Hiriyyaan warra goggeessi Gadaa isaanii
tokko taheedha. Kana jechuuniis hawaasa Oormoo keessatti warrii waggaa Gadaa
keessatti dhalatan hundiifi kan maqaan Goggeessa Gadaa isaanii yoo dulloomoo
tahanillee wal'irraa bu'ee yookaa tokko tahee hiriyyaadha. Ijoolleen waggaa
Gadaa 1-8 jidduufi gaheeyyiin waggaa Gadaa 45-56 jidduu yoo Goggeessi Gadaa
isaanii tokko tahe hiriyyaa tokko jedhamu. Marsaan Gadaa naannawutti walitti
fidee ijoolleefi jaarsoolii hiriyyaa taasisaa. Marsaan Gadaafi Goggeessi Gadaa
akkanatti hiriyyummaa murteessu. Hawaasa Oromoo keessatti hiriyyaan akka
obbaleeyyaniitti wal'ilaalu. Ayyaana gurguddaafi beekamoorratti hiriyyaan wal
argee waliin turuudhaan walfaarsa. Jaalalti walii, walamanuun, waliif dhimmuun,
walgargaaruun&kkf hiriyyaa biratti jabaadha. Aangoo polotikaa keessatti paartii
tokko tahu.
Kanaf, hiriyyummaan karaa hawaassfi
polotikaa Oromootaa walitti hidhuudha. Waa'een hiriyyaa hoggaa akkas tahu,
ijoolleefi ga'eessoota maaltu walitti fidee hiriyyaa godha? Gaaffiin jedhu
ka'uun nimala. Gaaffi kana deebisuuf, nama Goggeessa Gadaa isaatiin Gadaa
keenya jedha. Gadaa isaa faarsa, kabaja. Kanarraa akka ilaalcha polotikaa
baraatti hubachuuf waan Paartii ilaaluun gaarii taha. Hawaasa keessatti
paartiileen uumamtu turan jechuudha. Goggeessi Gadaa shanan paartiilee shan kan
ijoolleefii manguddoota hiriyyaa godhuus paartii tokkicha waliin
qabaachuudha.
c. Ilmaan
kormaafi Ilmaan jaarsaa:
sirna Gadaa keessatti Ilmaan kormaafi
Ilmaan Jaarsaa qoodameef beekama. Kan hawaasa bakka lamatti qooduudha. Kun
jireenya hawaasa Oromoo bara sirna Gadaa keesaatti akkaataa Qabannoo aangoo
polotikaa kan murteessuudha. Warra aangoo polotikaa qabachuuf deemaniifi
kanatti hawasa qooda. Kuniis, waggaa Gadaa wajjiin walitti hidhataadha. Carraan
aangoo polotikaa keessaa qooda qabaachuufi dhiisuun isaa yeroo itti
dhalaterratti hundeeyfama. Kanaaniis ilmaan Oromoo yeroo dhalatanirraa kaasee
ilmaan kormaafi ilmaan Jaarsaatti qoodamu. Akkaataan qoodamaa kuniis, seera
umamaa kan hordofu qaba.Ijoolleen Abbootiin isaanii sadarkaalee Gadaa keessa
seenanii yeroo isaan aangoo polotikaa qabachuttii dhihaatan ykn qabatan
(gadooma keessa) dhalatan " ilmaan kormaa" jedhamu. Isaaniis, bara Gadooma
abbootii isaanii keessa (waggaa 40 abbootii isaanii eeganii) kan dhalatan waan
tahaniif sadarkaa Gadaa keessa seenuudhaan miseensa paartii tahuu dandayan.
Kanaaf aangoo polotikaa keessaa qooda fudhachuu dandayu.Ilmaan Gadooma abbootii
isaanii (aangoo polotikaa qabachuu) dura ykn booda dhalataniifi abbootiin
sadarkaalee Gadaa seenuu hindandeenyerraa dhalatan hundi "ilmaan jaarsaa"
jedhamu. Ilman jaarsaa warra sadarkaalee Gadaa seenanii miseensa paartii tahuu
hindandeenyedha. Kanaafiis aangoo polotikaa keessaa warraa qooda fudhachuu hin
dandeenyeedha. Ilmaan jaarsaa warra waliin dhalatan hundaan hiriyyaa tahuu
dandayu, jechuun ilmaan kormaa wajjiinillee hiriyyaa walii tahuu
dandayu.
Eega, hawaasa keessatti Gadoomuuf carraa
kan qaban ilmaan kormaa thuu hubanne. Ilmaan kormaa gaafa dhalatanirraa kaasee
sadarkaalee Gadaa seenanii akkuma gudachaa deemaniin dalagaa garagaraarratti
dirqama polotikaafiis qophaawan. Kun dirqama isaaniiti. Ilmaan jaarsaa garuu,
waa'een waan qoratamuufi baratamu hundaaf dirqamuun yoo hawaasicha keessa
jiraachuu dandayuuf tahe malee, itti hin dirqaman. Ilmaan Oromoo akkanatti
qoodamuun bakka heddutti mul'ate. Gadaa Boorana, Maccaa, Tuulamaafii Gujii
keessatti qoodamni kun jira. Qoodamni yoo hinjiraanne tarii Gadaa Arsii, Ituufi
Humbanna keessatii tahuu hin'oolu.
d. Sadarkaalee Gadaafi Murnoota Gadaa: Akkaataa waggaa
dhalootaatiin gurmuu ykn murni ilmaan kormaa tartiibaan keessa dabran sadarkaa
Gadaa jedhama. Sadarkaan Gadaa maqaa gurmuu waggaa dhaloota ilmaan kormaati
jechuudha. Gurmuu kanaan akkaataan jiruufi jireenya dhala Oromoo hundaatu
keessatti murtaawa. Ilmaan kormaatu kormaatu keessa daddabran yoo tahellee,
jirenya dhala Oromoo karaa polotikaa, amanti, aadaa, dinagdeefi waraanaafi kkf
keessatti kan ilaalu addatti maqaa haaqabaatan malee akkaataan guddinaa,
dalagaafii jireenyaa, kan ilmaan Jaarsaa wajjiin tokkuma. Karaa polotikaatiin
garuu, garaagarummaa guddaatu jira. Tahullee sadarkaaleen Gadaa jiruuf jireenya
dhala Oromoo mara calaqqisiisa. Sadarkaalee Gadaa garagaraakeessatti ilmaan
Oromoo dirqama (dalagaa) adda addaatu isa eeggata. Yeroon isaas osoo hin
gahinnillee waan beekamuuf sadarkaa itti aanuuf isa qopheessaa ture.Sadarkaa
Gadaa tokko waggaa saddeet qaba. Waggaa saddeet saddeettan kanaan namni Oromoo
hamma gaafa dulloomee du'utti hawaasa keessatti bakkafi qoodama dalagaa
qabaata. Sadarkaaleen Gadaa ilmaan kormaa keessa dabran bakka gariitti amala
addaa yoo qabaatanillee waliigalatti akka armaa gadiitti keenya.

1. Dabballooma waggaa 0-8
2. Gaammoma waggaa 9- 163. Dargaggooma
waggaa 17- 244. Kuusoma waggaa 25- 325. Raaboma waggaa 33 - 406. Gadooma waggaa
41- 48
7. Yubooma waggaa 49- 56

Gadaa Tuulamaa keessatti Gadoomni waggaa
32 - 40 gidduutii waan taheef kana yaadachiisuun barbaachisaadha. Armaa gaditti
sadarkaalee Gadaa jiraniifi murnoota Gadaa isaanii laalla.

Dabballooma

Kun jecha dabballee jedhamu kan Gadaa
Booranaarraa fudhatameedha. Ijoolleen dhiiraa Gadooma abbaa isaanii keessatti
dhalatan Dabballee jedhamanii yaamaman. Ijoolleen kun waggaa saddeet hamma
fixaanitti Dabballetti beekamu, Boorana keessatti Dabballee haa jedhaman malee,
bakka biraatti maqaa biraa qabu. Fakkeenyyaaf:

Tuulam keessatti - Itti makoo jedhamu.
Ituu keessatti - maxxarrii jedhamu.
Gujii keessatti- Suluda jedhamu.

Sadarkaan Gadaa kun bakkayyuu waan jiruuf
walitti qabatti Dabballoota jechuun hin badu. Dabballoomanii sadarkaa Gadaa isa
dura ilmaan kormaa akka dhalataniin itti seenaniidha. Sadarkaa Gadaa kanatti
ijoolleen hojii beekamaa hinqaban. Naannoo qa'ee turanii toohannoofi tajaajila
guddaadhaan guddatan. Ilmaan kormaa sadarkaa kana:

Boorana keessatti ilmaan Dooriiwwaniifi warra
Gadaati.
Tuulam keessatti Foollee jedhama.

2. Gaammoma:-jechi kun sadarkaa Gadaa
Boornaa keessaa maqaa gaammee jedhamurraa kan fudhatameedha. Ilmaan kormaa
sadrakaa Dabballoomaa fixan Gaammotti dabru. Waggaa 8 - 16tti akkaataa itti
rifeensii isaanii qoramurraa yoo jedhame dhugaadharraa hin fagaatu. Ijoolleen
dhiiraa sadarkaa Gammomaarra jiran:

Booran keessatti - Gaammee xixiqqoo jedhamu.
Tuulama keessatti - Dabballee jedhamu. Gujii keessatti - Dabballee jedhamu.
Ituu keessatti - Ruuboo
jedhamu.

Gaammoonni sadarkaa Gadaa yeroo
itti ijoolleen jabbiilee tiksan, hojii warraarratti gargaaraniifi loon
tiksaniidha. Dalagaa kanaafi kana fakkaatanitti haa bobbahan malee, sadarkaa
kanatti tohannoo warraa ala hin bahan. Yeroo kanatti taphatanii caalatti
walbaruu jalqabu.

Dargaggooma

Yeroo kana kan itti dargaggooman
waan taheef, sadarkaa Gadaa kanaas bakka gargaraatti maqaa garagaraa waan
qabuuf sadarkaa kanaan, Dargaggooma jedhama. Ilmaan kormaa sadarkaa lammaffaa
fixanii waggaa 16 - 24 jidduu:

Booran keessatti - Gaammee Gurguddaa
jedhamu Tuulam keessatti - Foollee jedhamu.
Gujii keessatti - kuusa jedhamu.
Ituu keessatti - Goobam
jedhamu.

Dargaggoomni sadarkaa itti namichi
toohannoo warraarraa hillee walaba tahaa deemuufi warrarraa fgaatee soch'auu
dandayuudha. Akkasumas, yeroo itti jabina, beekumsafi jagnummaa ofii mul'isuu
jalqaabniidha. Jiruu dhufataa deemuudhaan yeroo itti ofdandayutti
tarkaanfataniidha. Hawaasichaa bu'aa buusuufiis kan keessatti ofqophessu.
Dalagaarratti bobbahanii, loon fagaatanii bobbaasuu, ol'aantoota isaanii
wajjiin deddeemuu, adamoo bahuufi bineessoota loonirraa
ittisuudha.
4. kuusomakuusomni sadrkaa loltummaati. Naannoo garagaraatti ilmaan
kormaa sadrkaa kanaa adda addaa qabaatanillee Booran keessatti kuusa waan
jedhamaniif kanarraa fudhannee kuusoma ittiin jenne.Murni
kun:-

Boorna keessatti - Kuusa jedhama.
Tuulama keessatti - Qondaala jedhama. Gujii keessatti - Raaba jedhama.
Ituu keessatti Raaba
jedhama.

Hawaasa Oromoo bara sirna gadaa
keessatti, kun murna lolu ture. Waggaa 25 - 32 jidduu kan tahan dirqama
loltummaa qabu. Namuu roorroo biyyarra geesse ittisuuf waan ittiin lolu-
xiyyaas tahee, eeboofii gaachana mataa isaatii qopheeyfatee farda lolaas
qabaate taha. Lolli argamnaan akka dhagayeen qophaawee walgurmeessee duula.
Kanatti dabalee waan dhimma biyyaa ilaalan yeroo kanaa kaasee qorachuu dandaya.
Sadarkaan kun, Tuulamaafi Ituu keessatti yeroo itti ilmaan kormaa aangoo
qabachuuf ofqophessan, sadarkaa 4ffaa tahuudhaanifi dirqama loltummaa
qabaachuudhaan tokko yoo tahan kaanirraa kanaan adda bahu.

Doorama

Bakka heddutti sadarkaa itti
aangoo qabachuudhaaf ilmaan kormaa qophii barbaachisaa godhaniidha. Yeroo kana
keessatti dhimma biyya, bulchiinsa, sera, aadaa, amantiifi seena dabre baratu.
Waa'ee sirna Gadaa caalatti hubachuu dandayu. Haalli isaanii warra biyya
bulchuu ykn qondaaloota Gadaa wajjiin walitti hidhataadha. Bakka warrii Gadaa
itti murtii seeraa kennan, dubbii gosaa ilaalanfi marii godhanitti argamanii
irraa baratu. Bakka aadaafi amantiitti argamanii sirna qalbifatu. Caffee yaa'ii
Gadaarratti argamanii murtii kennuudhaan hojiidhaan ofqaru. Hayyoonniifi
manguddoonni biyyaarraa qoratanii barachuudhaan beekumsa isaanii bal'ifatu.
Biyya keessa sossohanii ummataan walbaruu, akkanatti aangoo polotikaaf
ofqopheessu jechuudha.Sadarkaan kun, Tuulamafi Ituu keessatti isa afraffaadha.
Ilma kormaa sadarkaa kanaa, akkamu asii olitti kaa'ametti Tuulama keessatti
qondaala, Ituu keessatti Raba jedhamu. Sadarkaan Gadooma isaanii waggaa 32- 40
jiddutti waan tahaniif, isaan keessatti dalagaa akkanaa (doorama) kan qaban
wagaa 23-32 jidduutti kan jiran Tuulama keessatti Qondaala, Ituu keessatti
Raaba, akkanatti ofqopheessu.Boranaafi Gujii keessatti ammoo, yeroon aangoon
qabanna tartiibaan waggaa 45-53ttifi waggaa 40-48tti waan taheef, yeroon itti
aangoof ofqopheessan kun waggaa Gadaa 32-40 jiddutti taha. Arsii kessattiis
akkanuma.Sadarkaa Dooramaa Booranaa keessatti iddoo lamatti qoodama. Isaniis
Raabamaafi Doorama tahu. Raaboonni yeroo itti ilmaan kormaa Raaba tahan
jedhamu, waggaa 32-40 jiddutti. Waggaa 41-45tti Doorama jedhama. Inniniis yeroo
itti ilmaan kormaa Doorii jedhamaniidha. Kanaaf, sadarkaadhaan bakka itti
garaagarummaan jiru tokko kana taha. Kuniis kan mul'ateef dagaagina sirni Gadaa
arge keessatti jijjiiramni waan argameefi. Yoo sadarkaa kana ilaalle ilmaan
kormaa sadarkaa shanaffaatti (waggaa 32-40 jiuddutti)

Tuulama keessatti- Luba jedhama.
Ituu keessatti - Doorii (Raaba-dorii) jedhamu.
Boorana keessatti - Raaba dorii
jedhamu.
Gujii keessatti - Doorii
jedhamu.

Idileen sadarkaa kanatti kan
ilaalle garuu, Dooramni qophii aangoo qabachuuf
godhamuudha.
6. Gadoomasadarkaa itti ilmaan kormaa aangoo polotikaa qabataniidha.
Yeroo itti warri Gadaan isaanii geessee biyya bulchan, seera ilaalan, dubbii
Gosaa furaniidha. Sadarkaa Gadaa kun Tuulamafi Ituu keessatti isa
shannaffaadha. Boorana, Gujiifi Arsii keessatti ammoo, isa jahaffaadha. Ilmaan
kormaa sadarkaa Gadooma Booranaafi Gujii keessatti Gadaa; Tuulamafi Ituu
keessatti Luba. Ituu keessatti Raaba doorii jedhamu. Yeroo
Gadoomaa:

Tuulama keessatti - waggaa 32-40tti
Ituu keessatti - waggaa Gadaa 32-40tti Boorana keessatti - waggaa Gadaa 45-54tti Gujii keessatti - waggaa Gadaa 40-48tti
Arsii keessatti - waggaa Gadaa 40-48tti
taha

Bakka heddutti Gadooma keessatti
ilmaan kormaa martinuu sadarkaa Gadaa keessaa hamma guutuu biyyatti dhibdee
polotikaa, dinagdee, hawaasafi waraanaa cufa furuuf itti gaafatama
qaba.
7. YuboomaSadarkaa gadaa, murni itti aangoo Gadaarra ture aangoo
eega gadi dhiisee itti dabruudha. Gadaa jaarsummaa ykn manguddummaati. Sadarkaa
kana keessatti ilmaan kormaa akka hangafaatti ilaalamu. Dalagaan isaanii warra
Gadooman gorsuu, qacheelchuu, maandhaa isaanii kan tahan gorsuu, leenjisuufi
barsiisuudha. Gara boodaatti hojiirraa walaboomanii ta'anii sadarkaa itti
aangoo dhiisanii soorama seenaa kana keessa kan jiran (kan
Yubooma)

boorana keessatti - yubaafi booda
Gadamoojji Tuulam keessatti
Yuba

Ituu keessatti Lubajedhamu.

FrontPage
Wiki is a type of websites. You can edit wiki pages easily.

You can edit the content with WYSIWYG(HTML)-mode or TEXT-mode or WIKI-mode
You can change web site style , If SignIn on page top right bottun.
Page Lock is signin user only. Lock-@id is @id user only editable. Lock-admin is admin only editable.

Menu
==menu==
* [[FrontPage]]
* [[Menu]]

==recent list 20 ==
@@recent(20)@@

showrss_plugin
==showrss plugin test with wiki-mode==

**showrss plugin** is __listing your interesting rss.__

===Example===

**@@showrss(http://rss.slashdot.org/Slashdot/slashdot)@@** is

@@showrss( http://rss.slashdot.org/Slashdot/slashdot )@@

comment_plugin1
==comment plugin test (above) with wiki-mode==

**comment plugin** is __creating comment-form with wiki.__
Example) **@@comment(above)@@** is

@@comment(above)@@

comment_plugin2
==comment plugin test (below) with wiki-mode==

**comment plugin** is __creating comment-form with wiki.__
Example) **@@comment(below)@@** is

@@comment(below)@@